Gootfiriid Viilhelmi Laayibiniiz
|
|
Ogummaa:
|
ogeessa herregaa fi falaasessaa
|
Biyya:
|
Jarmanii
|
Guyyaa dhalootaa:
|
Adoolessa 1, 1646
|
Bakka dhalootaa:
|
|
Guyyaa du'aa:
|
Sadaasa 14, 1716
|
|
|
Gootfiriid Viilhelmi Laayibiniiz
(Jarmaniffa: [???tf?iːt ?v?lh?lm f?n ?la?bn?ts] ykn [?la?pn?ts]; Adoolessa 1, 1646 ? Sadaasa 14, 1716) abbaa herregaa fi filoosofera lammii
Jarmanii
ti. Seenaa
herregaa
fi seena
falaasamaa
keessatti, Laayibiniiz iddoo guddaa qabata.
Laayibiniiz kaalkulasii kan kalaqe yoo ta'u kunis hojii
Isaaq Niwuuten
kaalkulesii irratti hojjachaa ture odoo quba hin qabaatin ture, erga maxxansa isaatii mallattoon Laayibiniiz fayyadame fudhatamuudhaan yeroo amma kaalkulasiif isatti fayyadamu. Jaarraa 20ffaa keessatti
Law of Continuity and Transcendental Law of Homogeneity
inni uume faaydiaa herreegaa argate (karaa qaaccessa al-idileetin). Damee kaalkuleeterii makaanikaalii keessattis, Laayibiniiz kalaqxoota gurguddoo keessaa tokko ture.
Kaalkuleeterii Paaskaalitti
baayyisuu fi hiruu itti dabaluuf yaalaa odoo jiruu, Laayibiniiz kaalkuleeterii piinwiilii (pinwheel calculator) bara 1685 bu'uuressuun kan jalqabaa ti. Laayibiniiz wiilii Laayibiniiz(Leibniz wheel) kalaqe, kunis kaalkuleeterii makaanikaalii baayyinaan oomishame kan jalqabaa kan ture
aritoomeetirin
kanatti fayyadame. Kana malees sirna lakkoofsa baayinarii, kan bu'uura kompitara dijitaalaa hundaa ta'e, fooyyessuun qulqulleessee.