Ernestoo "Chee" Guvaaraa
|
|
Ogummaa:
|
|
Biyya:
|
Arjentiinaa
|
Guyyaa dhalootaa:
|
Waxabajjii 14, 1928
|
Bakka dhalootaa:
|
|
Guyyaa du'aa:
|
Onkoloolessa 9, 1967
|
|
|
Ernestoo "Chee" Guvaaraa
(
Ispeeniffa
: [?t?e ?e?βa?a]; A.L.A Waxabajjii 14, 1928 ? Onkoloolessa 9, 1967), baayyinaan
El Chee
ykn salphumatti
Chee
jedhamee kan beekkamu, geggeessaa warraqsa
Maarkisistii
, doktorii, barreessaa, geggeessaa riphee-loltootaa, dippilomaatii, fi abbaa tiyoorii waraanaa lammii
Arjentiinaa
ti. Warraaqsa
Kuubaa
keessatti nama ijoo kan ture Cheen, fulli isaa kan istaayilii qabu bakka hundatti mallattoo fincila gabrummaa fi aadaa uummataa keessatti addunyaa maratti kan beekkamu ta'e.
Dargaggeessa ta'ee yeroo
medisinii
baratutti, Guvaaraan biyyootaa
Ameerikaa Kibbaa
keessa deeme, yeroo kanas hiyyummaa, beela, fi dhibee argeen baayyee suukanneeffamee. Guvaara kuni saamicha
kaappitaalizimii
kan
Yunaayitid Isteetis
biyyoota
Laatin Ameerikaa
irratti geggeesitu ta'uu hubate. Kunis haalli kun akka jijjiirramuuf hojjachuuf fedhii guddaa isa keessatti uume. Fooyyessa hawaasummaa (social reforms)
Gu'aatimaalaa
keessatti pireezidaanti Jaakooboo Arbenz geeggeessuu keessatti hirmaachuuf isa kakaase, boodarra pirezidaantiin kun gargaarsa
CIAtin
fonqolchame, kunimmoo ilaalcha siyaasaa Guvaaraa cimseef. Boodarra
Meeksikoo Siitii
keessatti, Guvaaraan
Raa'ulii
fi
Fidal Kaastiroo
wal bare, dhaaba isaanii Sochii Adoolessa 26ffaa jedhamutti makame, bidiruu
Giraanmaa (
Granma)
jedhamtu yaabbatees mootummaa abbaa hirree
Fulhensiyoo Baatistaa
kan
USn
deeggaramu kuffisuuf gara
Kuubaa
deeme. Guvaaraan oduma hin turin finciltoota biratti baayyee jaallatame, itti-aanaa ajajaa ta'ees muudame. Waraana riphee-lolaa waggaa lama fudhate kan mootummaa Baatistaa kuffisuun milkaa'e keessattis shoora olaanaa tabate.
Warraaqsa
Kuubattiin
booda, Guvaaraan mootummaa haaraa kana keessatti gaheewwan ijoo hedduu tabate. Kana keessaa ol iyyannoo namoota manni murtii warraaqsaa yakka waraanaa hojjachuu itti murteesse qorachuu fi namoota dhukaasanii isaan ajjeesan too'achuu, fooyyessa lafa qonnaa akka ministeera indastiriitti too'achuu, duula dubbisuu fi barreessuu biyyoolessaa geggeessuu, pirezidaantii
baankii
biyyoolessaa fi daarekterii leenjii humna waraanaa
Kuubaa
, fi dippilomaatii sooshaalizimii
Kuubaa
bakka bu'u ta'uun addunyaa mararra deemuu ture.