Raadaarin sirna ittiin wantoota-argan kan dambalii raadiyoo fayyadamuun fageenya, ol kaa'insa, kallattii, ykn saffisa wantootaa arguuf tajaajilu dha. Raadaarin
xiyyara
, ispeeskiraaftii,
bidiruu
,
misaayelii qajeelfamu (guided missile)
,
konkolaataa
, odeeffannoo haala qilleensaa fi akkaataa taa'umsa lafaa arguuf gargaara. Diishin ykn anteenaan raadaarii, dambalii raadiyoo ykn
maayikirooweevii
tamsaasa, kunis wantoota fulduraasaa jiran kan gufuu itti ta'anitti bu'ee gara duubatti deebi'a. Wantoonni gufuu ta'an kun anniisaa dambalii keessa amma xiqqoo gara diishii ykn anteenaatti, kan yeroo baayyee naannodhuma tamsaasaa (transmitter) kanatti argamutti, deebisu.
Raadaariin biyyoota adda addaa baayyedhaan yeroo
Waraana Addunyaa Lammaffa
fi sana dura hojjatame. Jechi raadaar jedhu bara 1940 Humna Galaanaa
USAtin
kan uummamee yoo ta'u kunis gabajee gaalee
RAdio Detection And Ranging
jedhurraa dhufe ture. Gabajeen kun erga sanii gabajee ta'uunsaa hafee akkuma jechaatti tajaajiluutti darbe.
Faayidaan raadaarii kan ammaa baayyee ball'aadha, kunis too'annaa tiraafikii qilleensarraa, sirna ittisa-qilleensarraa, astironoomii raadarii, sirna farra-misaayelii; raadaarii bidiruun iddoowwanii fi bidiruu biraa arguuf; sirna xiyyara akka walitti hin buune dhorku; sirna garba ilaaluu, sirna ispeesii ilaaluu, fi sirna ispeeskiraaftii walittii dhiyeessuu keessatti; meetirooloojii keessatti hordoffii jiidha qilleensaa kan rooba fiduu; sirna xiyyara balaliisuu keessatti;
misaayelii qajeelfamu
keessatti iddoo rukutamu addaa baasuus; raadaarii lafa keessa seenu kan qorannoo
ji'ooloojiif
oolu dabalata. Raadaarii
teknooloojii
olaanaa fayyadaman
hujeessa asattoo lakqurxaawaa (digital signal processing)
ofirraa qabu, odeeffannoo fayyadu waca guddaa keessaa adda baasuus danda'u.
Sirnoonni kaan kan raadaarii fakkatan kutaa elektiroomaagineetiik ispektiremii keessaa kan biraa fayyadamu. Fakkeenyi tokko
liidarii
dha,
liidaariin
bakka
dambalii
raadiyoo
ifa
leezerii
kan ijaan mul'atu fayyadama.
Sirnoonnii raadaarii
tamsaastuu
dambalii raadiyoo kan asattoo raadaarii jedhamu kallattii duraan murtaa'etti tamsaasu qabu.
Damabaliin raadiyoo
kun yoo waan ta'etti bu'e, yeroo baayyee gara duubatti calaqqifamu yookan kallatti adda adaatin bittinneeffamu. Asattoon raadaarii gara duubatti calaqqiseeffama, keessaahuu meeshaalee dabarsoo elektirikii ta'an keessatti ? keessumattuu
sibiilaan
, bishaan garbaatinii fi lafa jiidhadhaan. Kana keessaa muraasni altimeter raadaarii fayyadamuu nama dandeessisu. Asattoon raadaarii kan gara duubaatti kallattii tamsaastutti calaqqiseeffametu raadaariin akka hojjatu godha. Yoo wanti asattoo raadaarii calaqqiseesse sun gara tamsaastutti ykn faallaa tamsaastutti deema ta'e, jijjiiramana
ammamtaa dambalii
raadiyoo kan sanaan walqixxaatutu fida, kanas kan godhu
galtee Dooppilerii
ti.
Fudhattuun
raadaarii, yeroo baayyee, garuu yeroo hunda miti, iddoodhuma
tamsaastun
jirutti argama. Asattoon raadaarii duubatti calaqiseeffamee anteenaan fudhatame yeroo baayyee dhadhabaa yoo ta'eyyuu, elektirooniik ampilifaayeriidhaan anniisaa isaa guddisuun ni danda'ama. Asattoo raadaarii fayyidaa kennuu danda'u argachuuf, tooftaa
asattoo hujeessuu
xaxamaanis hojiirra oola.